Seera gibira qabeenyaa (property tax) haaraa

Labsiin gibira qabeenyaa (property tax) Lakk 1365/2017 jedhamuun MMBBUFtiin torbee kana raggaasifame, labsii isa dura hojiirra dhimmoota walfakkaataaf hojii irra jiru, labsii gibira kiraa lafa (liizii lafaa) magaalaa fi mana magaalaa Lakk 80/1968 (akka fooya’etti) haquudhaanidha.

Sababoota Bu’uuraa Labsii Duraa Haquu fi Haaraan  Bakka Buusuu

1, Bu’uura labsii duraa hojiirra jiruun magaalonni galii gahaa tajaajilaa fi bu’uuraalee misoomaa baayyina uummata magaalaa haalaan dabalaa jiru ofiin guutuu rakkataniif;
2, Gosti gibiraa, gibira qabeenyaa kun, qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa jiraatota gidduutti sababa fiduu danda’uuf, galii gibiraa qabeenya manneen magaalaa gatiin isaanii ol ka’e irraa gibira ol ka’e sasaabuun galii magaalaa guddisuu, fi gatiin gabaa manneen magaalaa sirna gabaarratti kan hundaa’e taasisuu fi kan kana fakkaatan biroodha.

Sababoota Bu’uuraa Labsii Duraa Haquu fi Haaraan  Bakka Buusuu

(magaalota naannolee hundaa keessatti argamanii fi bulchiinsota magaalaa ofiin of bulchan lamaan) kan dabalatudha. Labsichi magaalota kana dura liizii jala hin galfamne irratti ni raawwatama. Naanolee aangoo bu’uura heeraatiin isaaniif kenname fayyadamuun yoo barbaadan seerota labsii kana hojiirra ittiin oolchan kan biroo kan tumatan yookiin ammoo kallattiidhaan labsii dhuma kanaan galii gibira qabeenyaa kana raawwachiisuu akka danda’an tumeera.

Qoqqooddii Gibira Qabeenyaa

Gibirri qabeenyaa iddoo lamatti qoqoodamuun kan tilmaamuun  fi kaffalchiifamuun danda’amu ta’uu labsichi keewwata 6 jalatti tumameera. Isaanis, gibira itti fayyadama mirga lafa magaalaa fi gibira ijaarsa lafa magaalaa irra jiru jedhamuun kan qoqodamanii jiranidha. Qoqooddiin kun hafuun, gibirri qabeenyaa iddoo tokkotti idaa’amuun kaffalamuu akka danda’amullee labsichi ni ibsa.

Akkaataa Gibirri Qabeenyaa Ittiin Herreegamuun Kaffalchiifamu

Bu’uura labsichaatiin hammi gibira qabeenyaa kan ta’uu qabu wayita gibirri kaffalamu gatii gabaa manaa/ijaarsaa keessaa parsentaa digdamii shan (25%) tilmaamuudhaan kaffalchiisuun qofa ta’uu qaba.Kana jechuun hammi gibirri qabeenyaa kaffalaan gibiraa kaffalu waggaadhaa waggaatti sababa gatiin gabaa manaa/ijaarsaa dabaluuf kan dabaluu  danda’u akkasumas sababa gatiin gabaa manaa/ijaarsaa hirdhisuuf kan hirdhatu ta’uu nama hubachiisa. Namni suuqii/mana jireenyaa/ijaarsa biroo gibirri qabeenyaa irratti kaffalamu magaalaadhaa qabu, gatiin gabaa manichaa/ijaarsichaa qarshii 4,000,000 (miiliyoona afur) yoo ta’e gibirri qabeenyaa inni kaffaluu qabu qarshii 1,000,000 (miiliyoona tokko) ta’a jechuudha.

Eenyutu Gibira Qabeenyaa Kaffaluuf Hin Dirqisiifamu/Exemption

Qajeeltoowwan seera gibiraa fudhatama qaban beekamtii kennuufiidhaanii fi hordofuudhaan,labsichi namoonni sooroma bahanii fi hiyyeessa ta’anii fi gibira kana kaffaluuu hin dandeenye, dhugaa kana ragaadhaan mootummaadhaaf mirkaneessuudhaan mana/ijaarsa silaa gibira qabeenyaa irratti kaffaluu qaban irraa bilisa akka ta’an labsichi tumeera.

Jijjiirama Bu’uuraa Labsiin Kun Fidee Dhufe

Jijiiramni labsii gibira qabeenyaa  Lakk 365/2017, labsii duraan ture labsii Lakk 80/1968  irraa adda itti bahu inni bu’uuraa, labsiin duraanii bu’uura kan godhate manneen magaalaa yoo kireefaman galii isaan waggaadhaan argatanidha. Labsiin haaraan ammoo kan bu’uurefate manneen magaalaa yoo kireefaman galii isaan waggaadhaan argatan osoo hin taane, gatii gabaa manneenii yookiin ijaarsaaleedha.

Scroll to Top