Qabxiin Ijoo Labsiin Hojii Daldaalaa Baankii (Banking Business) Dhiyeenya Ragga’e Qabatee Dhufe Maali?

Biiroon keenya, Samuel Mokonen Law Office, dhimmoota seera ijoo hojii daldaalaa baankiidhaan walqabatee, labsiin haaraan dhiyeenya raggasifame qabatee dhufe, dubbistootni akka hubannoo gaarii qabaataniif dhiyeessee jira. Barreeffama kanaan kan nuti ilaaluuf jirru dhimma eeyyama baankii alaatiif keennamuu fi hiikoo inni qabaatuu danda’u qofaadhaa.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Federaalaa, gaafa 08/04/2017 A.L.I wal-gahii adeemsiseen, labsii hojii daldaalaa baankii duraan ture, Labsii Lakk/592/2000 ta’e haquudhaan labsii haaraa, labsii Lakk/1360/2017 ta’een bakka buuseera. Kanumatti dabaluudhaanis, labsii duraan Baankiin Biyoolessaa Itoophiyaa ittiin hundeefame, labsii lakk-591/2000 haquudhaan, labsii haaraa lakk/1359/2017 ta’een bakka buusuudhaan ragaasisee jira.

Hojiin Daldaalaa Baankii Baankota Alaaf Eeyyamamuu

Hojiin daldaalaa baankii, baankilee fi lammiilee biyya alaatiif eeyyamamuullee, daangeffamni seeraa hamma abbaa qabeenyummaa isaan baankii biyya keessaa irraa qabaachuu danada’an,hamma aksiyoonaa akka dhuunfaatti baankileen/lamiileen alaa kunneen akka qabaachuu danda’an lakkoofsaan murteessuun daangeffamee jira. Fakkeenyaaf, akkaataa labsichaan ibsameen, ”strategic investor” tokko qoodni aksiyoonaa inni baankii duraan jiru yookiin haaraa dhaabbatu keessaa qabaachuu danda’u, parsentaa afurtama aksiyoona baankichaa waliigalaa kaffalamee caaluu hin qabu. Hirmaannaan baankiilee alaa/lammiilee alaa akka waliigalaatti, baankii biyya keessaa tokko keessaa qabaachuu danda’an parsentaa afurtamii sagal aksiyoona baankichaa caaluu hin qabu. Haa ta’u malee, haala addaatiin baankiin biyya alaa, haalonni seeraan tumaman guutamanii yeroo argamanii fi bu’a qabeessummaan isaa yeroo mirkanaa’e, baankiin alaa gahumsa qabaachuun itti amaname, baankii biyya keessaa walakkaa yookiin guutummaa abbaa qabeenyummaa baankii biyya keessaa fudhachuu akka danda’u ibsamee jira.

Jijjiramni guddaan labsiii haaraa kanaan akka dhufu eegamaa turee fi dhufee jiru, baankotiin biyya alaa hojii daldaalaa baankii akka Itoophiyaa keessatti hojjetaniif eeyyamni akka isaaniif kennamuun hojjetanidha. Labsiin kunis bu’uurarraa, hojii daldaalaa baankii waggoota dheeraadhaaf, lammiilee Itoophiyaa qofaaf eeyyamaa ture, baankotiin biyya alaa eeyyama hojii bu’uura labsii kanaatiin argatan, Itoophiyaa keessatti baankii isaanii hundeessuudhaan, damee baankii isaanii banachuudhaan, bakka bu’aa ofiidhaanii, fi aksiyoona baankii biyya keessaa jiru bitachuudhaan hirmaachuu ni danda’u. Lamiileen biyya alaa, baankii alaa akkasumas dhaabbata Itoophiyaa abbaan qabeenyummaa isaa lammii alaa ta’e aksiyoona bankii bitachuudhaan hojii daldaalaa baankii keessatti hirmaachuu akka danda’an eeyyamameefi kan jirudha.

Hiikoo Eeyyamni Hojii Daldaala Baankii Baankota Biyya Alaatiif Kenname Qabu

Baankileen biyya alaa biyya keessa dhufanii akka hojjetaniif eeyyamamuun qaama, Ethiopian Home Grown Economic Reform , bara 2020 eegalee hojiirra ooleetidha. Kana malee, tarkaafiiwwan diinagdee, imaamatootaa fi seerotaan deegaramanii waggaa jahan darban fudhatamanii turaniin illee tarkaanfiin baankota biyya alaatiif eeyyama kennuu kanaan kan wal fudhatee adeemu ta’a.

Fakkeenyaa 1ffaa, Labsii Mootummaa Federaalaa Lakk-1248/2013 tiin kan hundeeffame , Gabaan Kaaapitaalaa Itoophiyaa, kan ji’a itti aanu (Amajjii 2017) hojii eegaluuf jiru, baankonni alaa, eeyyama baankii investimentii jedhamu, Abbaa Taayitaa Gabaa Kaapitaalaa Itoophiyaa irraaa fudhachuun itti hirmaachuu akka danda’an ni eeyyamaaf.Kunis, kaayyoo adda duree investimentii/investeroota biyyaa alaa harkisuu fi bu’a qabeessummaa isaanii dhugoomsuuf kan gargaaru ni ta’a.

Fakkeenya 2ffaa, Boordiin Investimentii Itoophiyaa qajeelfama Lakk-1001/2016 baaseen, hojiilee investimentii baayyee kana dura, lammiileen/dhaabbileen biyya alaa akka itti hin hirmaanne seeraan dhorkamee ture, kanneen akka daldaala al-ergii fi ala-fichisiisaa, daldaala jumlaa fi qinxaaboo meeshotaa fi tajaajiloota gara garaa qajeelfamichaan adda bahan irratti lammiileen/dhaabbileen alaa hirmaachuu akka danda’an ni eeyyama. Kanaafuu, baankileen alaa biyya keessatti akka hojjetaniif eeyyamamuun, tajaajila baankii kana dura ture, kan kallattii baayyeen quubsaa hin turre, kallattii hundaan gahoomsuun imaamamtoota guddinaa biyyattiin qabatte hofaa jirtu galma geesisuuf ni gargaara.

Barreeffama itti aanuun, dhimmuma kanarratti, qabxii haaraan walitti deebina.

Horaa bulaa, deebanaa!

Scroll to Top